(Madda Oduu ABO/MOA/Waxabajjii 13,2009) Ergamtoonni Wayyaanee I/A Minaasee W/Giyoorgiis kan ta’e Abdulaziiz Mohammadii fi I/Gaafatamaan Ijaarsa OPDO Alamaayyoo Jigii je’aman hawaasa Oromoo Su’uudi Arabiyaa magalaa Riyaadin salphifaman.
Ergamtoonni diinaa biyya keessatti ummata Oromoo gidirsaa jiran kun hawaasa Oromoo Su’uudi Arabiyaa hawwataniif gara Su’uudi Arabiyaa Riyaaditti wayyaaneen bobbaafamanis mormii hawaasa Oromoo Rayaadin waaroo salphinaa uffataniiru.
Waxabajjii 04/2009 galma Komunittii Itoophiyatti wal gahii ummataaf ka godhan ergamtoonni wayyaanee kanneen, akeeka bobbaafamanitti osoo hin milkaayin mormii ummata irraa isaan mudateen gara dhufanitti qaaniin akka deebi’an oduun boodana nu ga’e ifa godha. Sodaa ilmaan Oromoo irraa qabaniin Oromoonni heddumminaan wal gahii san irraa qooda akka hin fudhanne ugguranis sabboontonni walgahicha irratti argaman mormii cimaa dhageessisan.
Walgahicha irratti dhaadannoolen Oromiyaan ni bilisoomti, ABOn kallacha keenya, Oromiyaa ni bilisoomti jedhuu fi kkf sabboontotaan dhageessifamaniiru. Wal gahii Afaan Amaaratiin adeemsifame san irratti caayaaleen Amaaraa, Guraagee, Hararii fi Tigraay heddumminaan hirmaataniis ajaja ergamtoonni olkanii piidiyoolee akka simatanii fi harka rukutaniif itti dabarsan hin fudhannee je’a odeessi kun
MOA